Fana: At a Speed of Life!

Hojii Kominikeeshinii cimsuun barbaachiisadha jedhame

Finfinnee, Fulbaana 13, 2017 (FBC) –Hojii Kominikeeshinii bu’aa qabeessa ta’ee itti fufsisuun imaammata fi hojiilee Mootummaarratti hawaasaaf hubannoo ga’aa uumuun barbaachiisa ta’uu Waajjirri Ministira muummee ibse.

Waajjirichatti Kutaan Pirees Sekreetaariyaati ogeeyyii kominikeeshinii Ministeera garaagaraaf leenjii Kominikeeshinii Ammayyaa’aarratti xiyyeeffate kenneera.

Leenjichi haala kominikeeshinii Addunyaa fi Itiyoophiyaa jijjiramaa jiru hubachuun Imaammata Mootummaaf, tajaajilootaa fi hojiiwwan ijoof odeeffannoowwan barbaachisoo yeroo barbaadameti kennuu irratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.

Dabalataanis bu’uura hammattoo seeraa fi ulaagalee seerotan hogganamuun qajeeltoowwan ifa taasisurratti kan xiyyeeffate ta’uun eerameera.

Hojii Kominikeeshinii bu’aa qabeessa ta’e itti fufsiisuun imaammata fi hojiilee Mootummaarratti hawaasaaf hubannoo ga’aa uumuun barbaachiisaa ta’uunis ibsameera.

Tattaaffiiwwan kunneen dhimma biyyaalessaarratti lammii hirmaannaa qabu horachuufi gahee isaa bahatu akkasumas ejjennoo Mootummaan iftominaaf qabu kan deeggaru ta’uun eerameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.