Fana: At a Speed of Life!

Hojii Kalaqa Daldalaa fi Damee Innooveeshiniirratti hojjetaman ilaalchisee mariin gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 7, 2015 (FBC) – Hojii Kalaqa Daldalaa fi Damee Innooveeshiniirratti hojjetaman gara qabatamaatti jijjiiruuf mariin gaggeeffameera.

Hoggantoonni olaanoon Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii fi Ministeera Hojii fi Ogummaa haala Hojiilee Kalaqa Daldalaa fi Damee Innooveeshiniirratti hojjetaman gara hojiitti jijjiiruun danda’amurratti marii gaggeessaniiru.

Hojiilee sosochii biyyaalessaa uumuu danda’an adda baasuun yeroo gabaabaa keessatti gara qabatamaatti jijjiiruuf Manneen Hojii lamaan qindoominaan hojjechuuf marii dandeessisu taasiisaniiru jedhame.

Marii kanarratti Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kamiilii fi Ministira Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaa dabalatee hoggantoonni olaanoon manneen hojii kanneen biroo hirmaachuu ragaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojiirraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.