Fana: At a Speed of Life!

Hojii ijaarsa nageenyaa hojjetu deeggaruuf Yaa’ii dhaabbilee Amantaaleef Birrii miiliyoonni 13 ol deeggarsi taasifame

Finfinnee, Gurraandhala 26, 2014 (FBC) – Faawundeeshiniin Istarliing hojii ijaarsa nageenyaa fi walitti bu’iinsa hiikuurratti Yaa’iin dhaabbilee Amantaalee Ityoophiyaa hojjetu deeggaruuf Birrii miiliyoonni 13 ol deeggarsa taasise.

Yaa’ichi Ityoophiyaa naannolee garaagaraatti  hojii ijaarsa nageenyaa, walitti bu’iinsa hiikuu fi hariiroo uummataa cimsuuf hojjetuuf dhaabbata tola ooltotaa Ameerikaa Istarliing Faawundeeshin jedhamu irraa deeggarsa Birrii miiliyoonni 13 argachuu Barreessaa olaanaan yaa’ichaa Taagaay Taaddalaa ibsaniiru.

Faawundeeshinichi kanaan duras yaa’ichaaf deeggarsa garaagaraa taasisuu yaadachiisuun yeroo dhiyootti deeggarsa konkolaataa taasisuufii himaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.