Hojii dhabeeyyii miiliyoona 2.6 oliif Carraa hojii uumuun danda’ame – Pireezidaanti Shimallis
Finfinnee, Waxabajjii 15, 2015 (FBC) –Bara baajataa kana Hojii dhabeeyyii miiliyoona 2.6 oliif Carraa hojii uumuun danda’amuu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.
Carraa hojii uumuun rakkoo hojii dhabdummaa naannoo keenyatti mul’atu hiikuuf hojiilee hojjetamaniin namoota Miiliyoona 2.6 ol ta’aniif carraa hojii uumuun danda’ameera jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Intarpiraayizootni gama Inveestimantiitti akka cehaniif Mootummaan Naannoo Oromiyaa deeggarsa taasisaa turuu eeraniiru.
Kunis yeroo ammaatti Intarpiraayizootni Birrii Biiliyoona 19 ol horatan diinagdee keessatti qooda akka fudhatan taasisuu kaasaniiru.
Hojii dhabdummaa hir’isuufi diinagdee dam-daneessaa uumuu keessatti gaheen Intarpiraayizootaa murteessaa waan ta’eef gara fuul-duraattis Intarpiraayizoota deeggaraa, jajjabeessaafi ceesisaa Oromiyaa diinagdee biyyaa keenyaaf lafee dugdaa taate ijaaruu itti fufna jedhan.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.