Fana: At a Speed of Life!

Hojii dhabdummaa hir’isuuf qoodni damee dhuunfaa olaanaa ta’uu himame

Finfinnee, Adoolessa 5, 2014 (FBC) – Biiroon Misooma Intarpiraayizii fi Indaastirii Magaalaa Finfinnee dargaggoota muuxxannoo hojiin ga’oomsuu yeroo dhiyootti hojiirra oolchuuf dhaabbilee dhuunfaa fi mootummaa waliin mari’achaa jira.
Hojii dhabdummaan yeroo gara yerootti dabalaa jiraachuu fi magaaloota hojii dhabdummaan itti heddummatu keessaa magaalaan Finfinnee adda duree ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Hojii fi Ogummaa Obbo Nigusuu Xilahuun ibsaniiru.
Dargaggootaaf hojii uumuuf hojiin mootummaan dhaabbilee deeggartootaa fi damee dhuunfaa waliin hojjechaa jiru keessaa Piroojektiin dargaggoota muuxxannoo hojiin ga’oomsuu isa tokko ta’uu eeraniiru.
Piroojektii kanaan sadarkaa biyyaatti dargaggoota kuma 70 ol fayyadamoo taasiisuuf hojjetamaa jiraachuu eerameera.
Dargaggoonni kumni 49 magaalaa Finfinneerraa fayyadamoo Piroojektii kana kan ta’an ta’uu eerameera.
Waqtii Gannaa dargaggoota kuma 10 fi 500 aanaalee 36 keessatti hojii qabsiisuuf qophiin duraa xumuramuu eeruu isaanii ragaan Biiroo Misooma Intarpiraayizii fi Indaastirii Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.