Fana: At a Speed of Life!

Hojii dhabdootaaf carraa hojii uumuuf teeknoloojii hojmaata badaa hambisuu hojiirra oolchuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Sadaasa 18, 2016 (FBC)- Hojii dhabdoota akkaataa fedhii fi ogummaa isaatiin gurmeessuun carraa hojii uumuuf teeknoloojii hojmaata badaa hambisuu hojiirra oolchuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa beeksise.

Qopheessummaa Biiroo Kominikeeshii Oromiyaatiin waltajjiin marii gufuulee carraa hojii uumuu adda baasuurratti xiyyeeffate gaggeeffameera.

Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa Obbo Eebbaa Garbaa waltajjicharratti, dargaggoota waraqaa ragaa hojii dhabdummaa argatan akkaataa fedhii fi ogummaa isaatiin gurmeessuun hojii keessa galchuuf teeknoloojii hojmaata badaa hambisuu danda’u hojiirra oolchuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Hojii dhabdootaaf carraa hojii uumuuf qaamoleen damicharratti hojjetan rakkoolee adeemsicha keessattimudatan hir’isuun hojjechuu akka barbaachisu Hogganaan Biiroo Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Araarsoo Biqilaan dubbataniiru.

Keessumaa hojii dhabdoota akkaataa fedhii isaaniitiin gurmeessuuf hojjetamaa jiraachuus eeranii, daraggootaaf carraa hojii biyya keessatti uumuun godaansa seeraan alaa hambisuuf hunduu gahee isaa akka bahatu ibsaniiru.

Baankii Siinqeetti qindeessaan damee maayikiroo faayinaansii obbo Morkamaa Usuu akka jedhanitti, baankichi barana liqii Birrii biiliyoona 5 liqiin kennuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Baayiluu Baaneetu gabaase

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.