Fana: At a Speed of Life!

Hojii deebisanii ijaaruuf naannichi deeggarsa barbaachisaa ni taasisa- Obbo Ordiin Badrii

Finfinnee, Sadaasa 4, 2015(FBC)- Sababa Walitti bu’iinsa kaaba biyyattiin kutaalee hawaasaa miidhaman deebisanii dhaabuuf naannoon Hararii deeggarsa barbaachisaa kan taasisu ta’uu pireezidaantiin naannichaa  Obbo Ordiin Badriin ibsaniiru.

Obbo Ordiin Badriin ibsa haala yeroo irratti laataniin, mootummaafi uummanni naannichaa walii galteen nageenyaa mallatteeffame hojiirra akka ooluu deeggaruurra darbee hojii bakkeewwan waraanaan miidhaan irra gahe deebisanii ijaaruuf gahee isaa bahachuuf qophii ta’uu eeraniiru.

Waliigalteen nageenyaa mootummaafi ABUT gidduutti mallatteeffame biyyattiitti nageenyaafi misooma mirkaneessuuf bu’uura kan kaa’u ta’uu addeessaniiru.

Dabalataanis mootummaafi uummanni guutummaan guutuutti gara misoomaatti akka fuulleffatuuf carraa kan uumu ta’uu ibsuu ragan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.