Fana: At a Speed of Life!

Hojii daldalaa da’eeffachuun shakkamaan meeshaalee waraanaa daldalaa ture to’atame

Finfinnee, Fulbaana 11, 2015 (FBC) – Hojii daldala dhugaatii da’eeffachuun shakkamaan meeshaalee waraanaa daldalaa ture to’annoo jala oolfamuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.

Mana shakkamtichaattis sakatta’aa taasifameen meeshaalee waranaan garaagaraa, rasaasa kuma 80 fi maallaqni sobaa qabamuun eerameera.

Shakkamaan kunis kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittii Aanaa 12tti to’atamuun himameera.

Namni dhuunfaa kun farsoo kan gurguru fakkaatee meeshaalee waraanaa garaagaraa dhoksaan akka gurguru qo’annoo poolisiin gaggeessee fi eeruu hawaasarraa argameen mirkanaa’uu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.