Fana: At a Speed of Life!

Hojii bu’uuraalee misoomaa Ityoophiyaan raawwatu deeggaruuf mootummaan Chaayinaa murannoo qaba – Ambaasaaddar Zyiiwaan

Finfinnee, Amajjii 16, 2013 (FBC) – Hojii bu’uuraalee misoomaa Ityoophiyaan raawwatu deeggaruuf mootummaan Chaayinaa murannoo qabaachuu Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaa ta’uun kan muudaman Zyii’oo Zyiiwaan ibsaniiru.

Af yaa’iin Mana Maree federeeshiinii Adam Faaraahi Ambaasaaddar Zyiiwaan waliin waajjira isaaniitti mar’ataniiru.

Af yaa’iin mana maree federeeshiinii Adam Faaraahi riifoormii siyaasaa fi hawaasummaa gaggeeffame ilaalchisee ibsa bal’aa taasiisaniiru.

Hojiilee diinagdee biyya keessarratti hojjetamanirrattis ibsa taasiisaniiru

Abbootiin qabeenyaa Chaayinaa Ityoophiyaatti hojii Invastimantiirratti hirmaachuun carraa hojii uumuurratti gumaacha taasiisaniif galateeffataniiru.

Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf deeggarsa ummannii fi mootummaan Chaayinaa Ityoophiyaaaf taasiisan seenaan kan dagatuu miti jedhan Af yaa’iin mana maree federeeshiinii Adam Faaraahin.

Ambaasaaddar Zyii’oo Zyiiwaan gama isaaniin, jijjiirramni hunda galeessi Ityoophiyaan gaggeessitee kan dinqisiifamu ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan Chaayinaan hojiilee Ityoophiyaan hojjetuuf deeggarsa hunda galeessa taasiisu cimsee itti fufa jedhan.

Ityoophiyaa fi Chaayinaan hariiroo diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa waloo waggoota 50 ol lakkoofsiise qabachuu ragaan Mana Maree federeeshiinirraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.