Fana: At a Speed of Life!

Hojii barnootaa addaan cittee ture jalqabsiisuuf Yuunvarsiitiin Saayinsii fi Teeknolooji Adaamaa har’a barattootaa simachuu eegale

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2013 (FBC) – Sababa vaayirasii koronaaatin hojii barnootaa addaan cittee ture jalqabsiisuuf Yuunvarsiitiin Saayinsii fi Teeknolooji Adaamaa har’a barattootaa simachuu eegale.

Yuunvarsitichi simannaa barattootaa marsaa jalqabaatiin barattoota bara 2012 eebbifamuuf turan sababa koronaattin addaan kutan har’aa fi boru simataa jira.

Barattootni eebbaaf gahan 1400, har’aa fi boru simataman turti guyyoota 45 boodaa kan eebbifaman akka taheedha, preezdaatiin Yuunvarsitti Saayinsii fi Teeknolooji Adaamaa Dooktar Lammii Guutaa Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetitti kan himan.

Tajaajila yuunvarsiticha keessatti kennamu baay’een isaa, kanneen akka harka dhiqqanna, bishaan dhugaati fi mana nyaataatti ni dhihaatu, kutaaleen barnootaa fi itti fayyadamni laabraari karaa koronaa hin daddabarsinen qophaa’usaa Dooktar Lammiin kan himan.

Marsaa jalqabaatiin doormi tokkotti barata tokko, daree barnoota tokkotti ammoo barattoota 25 qofa simachuuf, akkasumas adeemsi baruu fi barsiisuu karaa teeknooloojii fi xuxxuqaarraa fagaateen tahuus preezdaantichi himaniiru.

Raggaasaa Firoomsaatuu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.