Fana: At a Speed of Life!

Hoggantotaa fi ogeeyyii maqaa kaafamtoota misoomaan Beenyaa Birrii miiliyoona 65 ol fudhatanirratti himanni baname

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2014 (FBC) – Abbaan Alangaa Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Lammii Kuraatti Hoggantotaa fi ogeeyyii maqaa kaafamtoota misoomaan Beenyaa Birrii miiliyoona 65 fudhatanirratti himata banuu ibsameera.
Abbaa Alangaa Waliigalaatti Daayreektoreetiin Jeneraalaa damee Dhimmoota Yakkaa fi Malaamaltummaa Poolisii waliin ta’uun dhimmicharratti qorannoo gaggeessaa turan xumuruun hoggantoota kanneenirratti himata yakkaa Malaamaltummaa cimaa banuu himameera.
Hoggantoonni kunneen kaafamtoota misoomaa eenyummaan isaanii hin beekkamne maqaa namoota 21 beenyaa Birrii miiliyoona 65 fi kuma dhibba 9 fi kuma 77 fi 620 mootummaarraa fudhachuun faayidaa dhuunfaa isaanif oolchuu isaanii ibsameera.
Bulchaa aanaa 06 dabalatee Hoggantotaa fi ogeeyyii Waajjira Bulchiinsa lafaa fi Haaromsa magaalaa Kutaa magaalaa Lammii Kuraa 21 irratti himanni banamuu ibsameera.
Himanni kunis guyyaa har’aa Mana Murtii Olaanaa Federaalaaf ergamuu fi galmeen banamee dhaddachi moggafamuu eerameera.
Akkaatuma himata abbaa Alaangaan himatamtoonni dhaddachaaf akka dhiyaatan kan taasiifame yoo ta’uu,kanneen dhaddachaaf hin dhiyaanne himatichi ga’uun himatamtootaa hundaaf dubbifamuun manni Murtichaa Bitooteessa 17, 2014tti Beellama jijjiirraa qabateera jedhame.
Qabeenya ummataa qaamolee kanneeniin saamame deebisiisuuf Manneen, Gamoowwan, Maallaqni Baankitti argamu, Konkolaattoonnii fi ijaarsawwan garaagaraa himatamtoota kanneenii akka dhorkamu taasiifamuu ragaan Ministeera Haqaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.