Fana: At a Speed of Life!

Hoggantootaa fi miseensota duultoota Humna addaa fi Humna Eeggadoota Rippaablikaaniif beekkamtiin laatame

Finfinnee, Bitootessa 17, 2014 (FBC) – Hoggantootaa fi miseensota duultoota Humna addaa fi Humna Eeggadoota Rippaablikaanii duula birmadummaa hanga duula tokkummaa sabdaneessatti ergama biyya baraaruurratti raawwii hojii olaanaa galmeessaniif badhaasni meeday fi beekkamtiin laatameera.

Sirna badhaasa meeday fi beekkamtii laachuu Hoggantootaa fi miseensota duultoota Humna addaa fi Humna Eeggadoota Rippaablikaanii kanarratti miseensonni leenjii bu’uuraa Koomaandoo fudhatanis eebbifamaniiru.

Sirna eebbaa kanarratti Itaamaajoor Shuumiin Humna Waraanaa waliigalaa Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaa fi Ministira Ministeera Raayyaa Ittisaa Dooktar Abrahaam Balaay dabalatee hoggantoonni raayyaa ittisaa biroo argamaniiru.

Hoggantootaa fi miseensonni duultoota Humna addaa fi Humni Eeggadoota Rippaablikaanii ergamoota itti laatame ga’umsaan ba’aa turuu Ajajaa olaanaan Duultoota humna Addaa Leetanaal Jeneraal Shuumaa Abdataan saganticharratti ibsaniiru.

Duula birmadummaa biyyaa baraaruuf gaggeeffamaa tureerratti qaamoleen kunneen injifannoo gootaa galmeessuu kaasaniiru.

Hoggantoonnii fi miseensotni duultoota Humna addaa fi Humni Eeggadoota Rippaablikaanii naannolee ergama itti fudhatan hundatti ummataa fi raayyaa ittisaaf madda hamilee ta’uu isaanii Itaamaajoor Shuumiin Humna Waraanaa waliigalaa Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaa ibsaniiru.

Leenjitoonni giddu gala leenjii humna addaa bilaatteetti leenjii bu’uuraa fudhachuun guyyaa har’aa eebbifamtanis beekkumsa leenjirraa argatan gochatti jijjiiruun faana gootaa hordofuun leenjii itti fufaan ga’umsa isaanii cimsachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Leenjitoonni carraa miseensa Raayyaa seenaa qabeessa kanaa ta’uu argachuu keessaniif baga gammaddan jechuun ergaa dabarsuu isaanii ragaan fuula Raayyaa Ittisaarraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.