Fana: At a Speed of Life!

Hoggantootaa fi hojjettoota namuusa kenna tajaajilaa darban 75 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Caamsaa 3, 2014 (FBC) – Tajaajilli Elektirikii Ityoophiyaa Hoggantootaa fi hojjettoota namuusa kenna tajaajilaa darban 75 irratti tarkaanfii bulchiinsaa fudhachuu beeksiise.
Dhaabbatichi baatiwwan salgan darban eeruu qaamolee garaagaraarraa dhiyaan 97 fi iyyannoowwan 163 fudhachuun hojii qulqulleessuuu hojjechaa turuu Daayreektarri Namuusaa fi Farra Malaamaltummaa obbo Hibrawarq Yimanuu ibsaniiru.
Haaluma kanaan hoggantootaa fi hojjettoota rakkoo namuusaa qaban 75 irratti tarkaanfii bulchiinsaa fudhatamuu fi kan 87 ammoo dhimmi isaanii ilaallamaa jiraachuu eeraniiru.
Tarkaanfiin bulchiinsaa fudhatame akkaataa waliigaltee dhaabbatichaa fi bu’uura dambii bulchiinsaa Maaneejimantiin ta’uu himaniiru.
Tarkaanfiib Addabbii maallaqaa, itti gaafatamummaarraa kaasuu fi hojiirraa gaggeessuu fudhatamuu ibsaniiru.
Karaa seeraan alaa lakkooftuu galchuu, adeemsa lakkooftuu galchuu keessatti matta’aa gaafachuu, maamila seeraan keessummeessuu dhabuu, sababa ga’aa malee hojiin akka harkifatu taasiisuu, hojii suphaaf maamila maallaqa gaafachuu, naga’ee malee kaffaltii lakkooftuuf maallaqa fuudhuu fi kanneen biroo hojjettoota fi hoggantoota raawwachuun isaanii mirkanaa’eerratti tarkaanfiin kun fudhamuu Daayreektarichi ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.