Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoota raawwii dirqamasaaniin bu’aa olaanaa galmeessisaniif sagantaan beekamtii kennuu gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2014 (FBC) – Hoggantootaa fi miseensota qajeelcha odeeffannoo  olaanaa  Raayyaa Ittisa Biyyaa raawwii dirqamasaaniin bu’aa olaanaa galmeessisaniif sagantaan beekamtii kennuu fi galateeffannaa gaggeeffamaa jiraachuu ibsame.

Saganticharratti Ittaanaa Itaamaajuur Shuumii Jeneraal Abbbabaawu Taaddasaa fi Ajajaa Olaanaa qajeelchichaa Leetenaal Jeneraal Birihaanuu Baqqalaa dabalatee hoggantoonni olaanoo Raayyaa Ittisa Biyyaa fi keessummoonni waamichi taasifameef argamuu eerameera.

Sagantichaan miseensota raawwii hojiisaaniin bu’aa olaanaa galmeessisaniif Meedaayii fi guddinni sadarkaa ni kennama jedhamee kan eegamu ta’uu ragaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.