Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoota olaanoo Federaalaa Paartii Badhaadhinaaf leenjiin ijaarsa dandeettii laatamuu eegale

Finfinnee, Gurraandhala 1, 2014 (FBC) – Hoggantoota olaanoo Federaalaa Paartii Badhaadhinaaf leenjiin ijaarsa dandeettii laatamuu eegaleera.
Kaayyoon waltajjii kana hoggansa ga’umsa yeroon barbaadu qabu amanamummaa fi qajeeltoon ummata tajaajilu horachuuf ta’uu ibsameera.
Raawwii hojii gaarii fi cimana jiru cimsuun, hanqinoota turan ammoo maksuun hoggansa akkaataa ummanni barbaaduun ga’umsaan tajaajila laachuu danda’u horachuuf waltajjii leenjii qophaa’e ta’uu eerameera.
Waltajjii leenjii ijaarsa dandeettii guyyoota 4f turu kanarratti Ministiroonnii fi Ministir deetawwan dabalatee hoggantoonni dhaabbilee federaalaa garaagaraa 320 ta’an argamuu ibsameera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.