Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonnii fi Miseensonni Humna Qilleensa Yaadannoo injifannoo Adwaa daawwatan

Finfinnee, Bitootessa 11, 2016 (FBC)- Hoggantoonnii fi Miseensonni Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Yaadannoo injifannoo Adwaa daawwataniiru.

Hirmaattonni daawwannichaas, Yaadannoon Injifannoo Adwaa Itiyoophiyaanonni seenaa qabsoo Itiyoophiyaa qofa leellisuu osoo hintaane dhaloota haaraaf miiraa jaalala biyyaa uumuu keessatti qooda qabaachuu dubbataniiru.

Kolooneel Makuwaninti Dassaalanyi fi Shaambal Bayyanaan, seenaa ashaaraa ummatoota gurraachaa Addunyaaf kan calaqqisisu, injifannoo Adwaa kan leellisu, Yadannoo Injifanichaaf ijaarame daawwachuu qofa osoo hintaane itti quufiinsa miira addaa akka qabu kaasaniiru.

Keessattuu miseensa Raayyaaf hiika hedduu akka qabu himuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.