Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonnii fi Hojjettoonni Waajjira Paartii Badhaadhinaa biqiltuu Ashaaraa magariisaa dhaaban

Finfinnee, Adoolessa 17, 2016 (FBC) – Obbo Adam Faarahii dabalatee hoggantoonnii fi hojjettoonni Waajjira Paartii Badhaadhinaa biqiltuu Ashaaraa magariisaa dhaabaniiru.

Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Qindeessaa Giddugala ijaarsa sirna Diimookiraasii fi Itti Aanaa Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faarahii dabalatee hoggantoonni fi hojjettoonni waajjira Paartii Badhaadhinaa Kutaa Magaalaa Lammii Kuraatti Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa dhaabaniiru.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa dhaloota har’aa fi egeree walitti kan hidhu Inisheetiivii guddaa ta’uu Obbo Adam Faarahii eeraniiru.

Sagantaan Ashaaraa magariisaa, seenaa kaleessa hojjetaman itti fufsiisuun, balaawwan waaraan ittisuu fi dachee dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensarraa bilisa taate uumuuf kan dandeessisu ta’uu himaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.