Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonnii fi hojjettoonni mootummaa bulchiinsaa magaalaa Finfinnee Birrii miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 50 ol deeggarsa laachuuf waadaa galan

Finfinnee, Sadaasa 4, 2013 (FBC) – Hoggantoonnii fi hojjettoonni mootummaa bulchiinsaa magaalaa Finfinnee deeggarsa raayyaa ittisa biyyaaf mindaa isaanirraa birrii miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 50 ol waadaa galuu ibame.
Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee hojii olaantummaa seeraa garee badii ABUT irratti fudhatamaa jiru deeggaruuf hoggantoota sadarkaan jiran waliin mari’ataniiru.
Hojii qabeenya walitti qabuu Hanga ammaatti hojjetameen hoggantoonnii fi hojjettoonni mootummaa bulchiinsaa magaalaa Finfinnee sadarkaan jiran deeggarsa raayyaa ittisa biyyaaf mindaa isaanirraa Birrii miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 50 ol waadaa galuu ibameera.
Deeggarsa taasifamu cinaatti hojiin idilee kenniinsa tajaajila dhaabbilee mootummaan cimee itti fufuu akka qabu aadde Adaanach ibsaniiru.
Keessattuu ijaarsa proojektootaa fi qaala’iinsa jireenyaarratti hordoffii fi to’annoon cimaan taasiifamuu akka qabu yaadachiisaniiru.
Hogganaan Biiroo Eeggumsa Fayyaa magaalaa Finfinnee Dooktar Yohaannis Caalaa gama isaaniin ofii isaanii dabalatee ogeeyyii fayyaa 15 waliin ta’uun deeggarsa ogummaa yaalaa taasiisuuf waadaa galaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.