Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonnii fi hojjettoonni Ministeera Qonnaa naannoo kibba lixa Ityoophiyaatti biqiltuu dhaaban

Finfinnee, Hagayya 4, 2015 (FBC) – Hoggantoonnii fi hojjettoonni Ministeera Qonnaa naannoo Ummataa Kibba Lixa Ityoophiyaatti biqiltuu dhaabaniiru.

Itti aanaan Pireezidantii fi hogganaan Biiroo Qonnaa naannichaa Obbo Maasrashaa Balaachoo, naannichatti biqiltuu miiliyoona 300 dhaabuuf karoofamuu himaniiru.

Kana keessaa biqiltuuwwan miiliyoona 314 seektara qonnaan kan dhaabamu ta’uu eeruun,hanga ammaatti % 90 ol raawwatamuu himaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Fiqruu Raggaasaan gama isaaniin sagantaa ashaaraa magariisaa marsaa jalqabaan biqiltuuwwan biiliyoona 20 dhaabuuf karoorfamee sanaa ol raawwatamuu himaniiru.

Marsaa lammaaffaanis biqiltuuwwan biiliyoona 25 dhaabuuf karoorfamuu Dooktar Fiqruun dubbataniiru.

Ministeerichi barattoota maatii harka qalleeyyiif meeshaalee barnootaa deeggarsa taasiiseera.

Muktaar Xahaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.