Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonnii fi hojjettoonni Faanaa Broodkaastiing Koorporeet dhimma haala yeroo biyyaalessaarratti mari’atan

Finfinnee, Amajjii 5, 2014 (FBC) – Hoggantoonnii fi hojjettoonni Faanaa Broodkaastiing Koorporeet haala dhimmoota yeroo biyyaalessaa ilaalchisuun “ Injifannoo waaraan gara badhaadhinaa, rakkoolee fi sirreeffamoota waraana boodaa” mata dureewwan jedhanirratti mari’ataniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT Ityoophiyaa diiguuf karoorsee waraana banuu fi qabsoo qindaa’aa uummata Ityoophiyaan waraanichi injifannoon xumuramuu Walitti qabaan Boordii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet fi Minitir Deetaan Ministeera Hojii fi Kalaqaa Obbo Nugusuu Xilaahuun waltajjichaan ibsaniiru.

Uummanni Ityoophiyaa daangaa hanga daangaa tokkummaan ka’uun kaayyoo diinaa fashaleessuu fi dandeettii waliin qindaa’anii hojjechuu dabaluu ibsaniiru.

Hoggantoonni garee shororkeessaa ABUT yeroo gabaabaa keessatti Finfinnee ni galla jechuun dargaggoota naannichaatti abdii hin taane horuun gara waraanaatti bobbaasuu yaadachiisaniiru.

Waraanichi humnoota alaatiin deeggaramaa turuu kaasaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT qabsoo uummanni Ityoophiyaa hundi taasisaniin injifatamuu fi injifannoon argame kan Ityoophiyaanota hundaa ta’uu eeraniiru.

Yeroo ammaa kanattis garichi haala birmadummaa fi nageenya Ityoophiyaaf yaaddoo ta’uu hin dandeenyerra kan jiru ta’uu ibsaniiru.

Haleellaa garee jalee ABUT kan ta’e shaneen naannoo Oromiyaa bakkeewwan garaagaraatti lammiilee fi qabeenyarratti raawwatu dhaabsisuuf hojiin qindoomina qabu hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Haleellaa gareewwan shororkeessitoota kanneenii waaraan furuuf mootummaan qaamolee nageenyaa fi hawaasa waliin qindoominaan kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.

Waraanichi injifannoon akka xumuramuuf ga’een miidiyaalee olaanaa ta’uu fi hojiilee badhaadhina mirkaneessuuf hojjetaman hundarratti miidiyaaleen ga’ee isaanirraa eegamu ba’achuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.