Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonnii fi Hojjettoonni Biiroolee Oromiyaa garaagaraa biqiltuu Ashaaraa magaariisaa guyyaa tokkoo dhaaban

Finfinnee, Hagayya 17, 2016 (FBC) – Hoggantoonnii fi Hojjettoonni Biiroolee Oromiyaa garaagaraa duula biqiltuu Ashaaraa magaariisaa guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 600 dhaabuu gaggeeffamaa jiru dhaaban.
Hooganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa fi Hojjettoonni Biirichaa Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuutti sagantaa Ashaaraa magariisaa akka biyyaafi naannootti qabame milkeessuuf biqiltuu dhaabaniiru.
Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo fi Itti Aanaa Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisaan kutaalee hawaasa garaagaraa waliin Godina Arsii Lixaa Aanaa Siree fi Doddolaatti biqiltuu ashaaraa magariisaa dhaabaaniiru.
Akkasumas Itti Aanaan Af Yaa’ii Caffee Oromiyaa Obbo Eeliyaas Ummataa Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee fi kutaalee hawaasaa garaagaraa waliin gaarreen magaalaa Adaamaa 11 irratti biqiltuu dhaabaniiru.
Hooggantoonniifi Hojjettoonni Biiroolee Oromiyaa duula dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo irratti ashaaraa isaanii kaa’aniiru.
Hooggantoonnifi Hojjettoonni Biiroo Qonna Oromiyaa,Biiroo Bishaaniifi Albuuda akkasumas Biiroo Jallisiifi Horsiisee Bulaa Oromiyaa biqiltuu dhaabaniiru.
Faxxanaa Zawudee,Hirphoo Shiboo fi BKOtu gabaase.
+3
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.