Hoggantoonni Waajjira Muummee Ministeera Komishinii Gumuruukaa daawwatan
Finfinnee, Bitootessa 8, 2014 (FBC) – Jilli hogganaa Waajjira Muummee Ministeeraa fi Ministira Dhimmoota Kaabinee obbo Tafarii Fiqreen durfamu Komishinii Gumuruukaatti hojiilee jijjiiramaa gama maraa daawwataniiru.
Guddinni Diinagdee itti fufiinsa qabu kan jiraatu galii amansiisaan yoo jiraate ta’uu fi yeroo ammaa daandiin jijjiiramaa Komishinichi irra imalaa jiru bu’uura diinagdee cimaa ijaaruuf tattaaffii taasifamu kan deeggaru ta’uu obbo Tafariin daawwanichaan dubbataniiru.
Komishinichatti fooyya’iinsi hojiimaataa taasifame dhaabbilee biroof muuxannoo kan ta’udha jedhaniiru.
Komishinarri Komishinichaa obbo Dabalee Qaabataan gamasaaniin waggoottan sadan darbanitti maqaa gaarii dhaabbatichaa ijaaruuf hojiilee hedduu hojjechaa turuu kaasaniiru.
Hoggantoonnii fi hojjettoonni komishinichaa dhaabbata jabaa ijaaruuf tattaaffii cimaa taasisaa jiraachuu dubbachuu isaanii ragaan Komishinicharraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.