Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee dargaggoota waliin ta’uu proojektoota gurguddoo ijaarsarra jiran daawwatan

Finfinnee, Gurraandhala 6, 2013 (FBC) – Hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee dargaggoota waliin ta’uun proojektoota gurguddoo ijaarsarra jiran daawwataniiru.

Itti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee obbo Mallas Alemuu dabalatee hoggantoonnii fi dargaggoota kutaa magaalaa adda addaarraa walitti babba’an waliin ta’uun proojektoota gurguddoo hojjetamaa jiran naanna’uun daawwataniiru.

Proojektii Adda baabayii Masqalaa, iddoo dhaabbii konkolaattootaa masaraa guddichaa, Mana Kitaabaa Guddichaa fi Godaambaa Adwaa Zeeroo Kiiloo Meetirii naanna’uun daawwataniiru.

Proojektoonni kunneen iddoo ce’umsa teeknooloojii fi beekkumsaa ta’uun kan tajaajilan bu’aa Dooktar Abiy Ahimadii fi jijjiirramati jedhan obbo Mallas.

Waliigala ijaarsi Proojektoota kanneenii % 80 raawwatamuu hojii raawwachiisaan Proojektoota gurguddoo magaalaaFinfinnee Injiinar Shimallis Isheetuun ibsaniiru.

Ijaarsa hafe yeroo kaa’ameef keessatti xumuruuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalichaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Appilikeeshinii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet https://play.google.com/store/apps/details… bilbila sochootuu keessanirratti fe’achuudhan Televiizhinii Faanaa, FM Finfinnee 98.1 fi Raadiyoo Biyyoolessaa hordofaa.

Viidiyoowwanis daawwadhaa.

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.