Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa gaaffii uummataa deebisuuf qophiidha-Dooktar Biqilaa Hurrisaa

Finfinnee, Gurraandhala 8, 2014 (FBC)- Hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa gaaffii bu’uraa uummataa deebisuuf qophiidha jechuun Waajjira Muummee Ministeeraatti qindeessaan giddugala ijaarsa sirna diimokiraasii Dooktar Biqilaa Hurriisaa ibsan.

Dooktar Biqilaa kana kan jedhan kaleessa galgalaa turtii bilbilaan Faanaa waliin taasisaaniidha.

Tibba kana leenjii gamaaggama beekumsa, kalaqaa, namuusaa fi ilaalchaa hoggantoota olaanoo gaggeeffamuu himaniiru.

Hoggansi hojii isaa bu’aa isaa qofaan madaaluu akka qabu, hoji maata qusannaa, karooraa akka hogganamuu fi uummataaf dhiyoo ta’uu akka qabu waltajjichaan waliigalamuu himaniiru.

Badhaadhinni yeroo itti aanuutti sochii taasisuuf rakkoo hawaasa adda baasuu fi kallattii kaa’uurra darbe akkuma baratamee tumsa taasisuu cimsee akka itti fufuu Dooktar Biqilaan yaadachiisaniiru.

Afawarq Alamuutu gabaase

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.