Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni paartii Badhaadhinaa duula qulqullinaa naannoo fi biqiltuu kunuunsu raawwataniiru

Finfinnee, Amajjii 24, 2012 (FBC) – Hoggantoonni paartii Badhaadhinaa duula qulqullinaa naannoo fi biqiltuu kunuunsu raawwataniiru.

Magaalaa Adaamaatti leenjirratti kan argaman Hooggantoonni olaanoon paartii badhaadhinaa guyyaa har’aa qulqulleessuun cinaatti biqiltuu ganna darbe ashaara magariisaan dhaabame kunuunsaniiru.

Hooggantoonni kunneen,Nannawaa magaalaa Adaamaatti biqiltu gaara Nagawoo fi Siree abbaa Bunee irratti dhaabbate, aramaa isaa aramuun; Bishaan obaasaniiru.

Naannoo magaalaa Adaamaatii cinaatti biqiltuu ganna darbe ashaara magariisaan miiliyoona 12 olitu dhaabame.

Hoggantoonni kunneen yaaddoo faalama qilleensaa kan ta’e ciramuu bosonaa yoo ta’u , biqiltuu dhaabanii kunuunsuun fala isa jalqabaati jedhaniiru.

Paartiin Badhaadhinaa, misoomadha ! Kanaaf, hawaasa hunda hirmaachisuun kaayyoo Paartii Badhaadhinaa galmaan ni geenya jedhaniiru.

Hooggansi Paartii Badhaadhina bakka lamatti qoodamuun, gareen lama Magaalaa yoo qulqulleessu, gareen lama biqiltuu ganna darbe dhaabame kunuunsaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Adaamaa Obbo Asseeggid Geetaachoo, duulli ququllinaa fi kunuunsi biqiltuu Hooggansi olaanaan raawwate , Adaamaaf carraa guddaadha jedhaniiru.

Hawaasnis hooggansaa oolaanaa duukaa bu’uun misooma tumsuu akka qabu gaafataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.