Hoggantoonni olaanoon Paartii Badhaadhinaa oomisha qonnaa daawwatan
Finfinnee, Fulbaana 13, 2016 (FBC) – Hoggantoonni Olaanoon Paartii Badhaadhinaa Godina Shawaa Bahaa Aanaa Lumee fi Adaamii Tulluutti Oomisha qonnaa daawwataniiru
Hoggantoonni leenjii Paartii Badhaadhinaa mata duree, “Idaarraa mindaatti” jedhuu leenji’aa turan Godina Shawaa Bahaa Aanaa Lumee fi Adaamii Tulluutti Oomisha qonnaa daawwataniiru.
Hojii qonnaa jabeessuuf muuxannoo wal irraa fudhachuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
Hoggantoonni kunneen Qonnaa kilaastera qamadii, Boqqolloo, Boloqqee fi Avokaadoo daawwataniiru.
Daawwattoonni naannolee adda addaarraa dhufan Oromiyaan hojii qonnaan angafa ta’uu eeruun, muuxannoo argatan naannoo isaanitti hojiirra kan oolchan ta’uu kaasaniiru.
Af-yaa’ii Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyaw Tashaagir, dursaa Itti Aanaa Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahii fi Ministira Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amantee dabalatee hoggantoonni sadarkaa garaagaraa daawwannaa kanarratti argamaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.