Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni olaanoon naannoo Amaaraa fi Sidaamaa biqiltuu dhaaban

Finfinnee, Adoolessa 4, 2014 (FBC) – Jilli Pireezidaantii Naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa fi kan naannoo Sidaamaa Obbo Dassitaa Leeddaamoon durfamu sagantaa Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa magariisaa gaggeessaniiru.
Jilli Dooktar Yiliqaal Kaffaalaan durfamu Godina Shawaa Kaabaa aanaa Baasoonaa Warranaa ganda Dabaleetti biqiltuu dhaabeera.
Naannichatti bara kana Biqiltuuwwan miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 70 dhaabuuf hojiitti kan galame yoo ta’uu Adoolessa 6, 2014 guyyaa tokkotti biqiltuuwwan miiliyoona 48.6 dhaabuuf karoorfamuu ibsameera.
Haaluma walfakkaatuun naannoo Sidaamaattis sagantaan Ashaaraa Magariisaa aanaa Alataa Cuukkoo ganda Teessootti eegalameera.
Sagantaan kanarratti Pireezidaantii naannoo Sidaamaa Obbo Dassitaa Leeddaamoo dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa naannichaa biroon argamaniiru jedhame.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.