Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni olaanoon garee finxaaleyyii 9 too’annoo jala oolan

Finfinnee, Muddee 29, 2013 (FBC) – Hoggantoonni olaanoon garee Juuntaa 9 too’annoo jala ooluu itti gaafatamaan qajeelcha humna raayyaa ittisaa Birgaadeer jeneraal Tasfaayee Ayyaalew ibsan.

Seekkooturee dabalatee hoggantoota 4 irratti ammoo tarkaanfiin fudhatamuu Birgaadeer jeneraal Tasfaayeen ibsaniiru.

1. Dubbiin Himaan garee Juuntaa Seekkooturee Geetaachaw

2. Zara’ay Asaggidoom, hojii gaggeessaa EBC fi daayreektara olaanaa Abbaa Taayitaa Broodkaastiing kan turan

3. Abbabaa Asaggidoom itti gaafatamaa Dimtsa Wayyaanee kan turan

4. Daani’eel Asaffaa hogganaa Biiroo Faayinaansii naannoo Tigraay kan turan konkolaachiiftootaa fi eegdoota isaaniin waliin raayyaa ittisa biyyaan tarkaanfiin irratti fudhamuu Birgaadeer Jeneraal Tasfaayeen himaniiru.

1. Aadde Qidduusaan Naggaa Af yaa’ii mana maree naannichaa kan turan

2.Dooktar Salamoon Kindee hogganaa Biiroo misooma magaalaa naannichaa kan turan

3. Obbo Taklaweeyini Asaffaa Hojii raawwaachisaa Maariit kan turan

4. Obbo Gabramadihiin Tawaldee hogganaa Biiroo daldalaa kan turan

5.Obbo Waldagiyoorgiis Dassitaa hogganaa Biiroo Geejjibaa kan turan

6.Ambaasaaddar Abbaadii Zamuu Sudaanitti Ambaasaaddara Ityoophiyaa kan turan

7. Obbo Tewoodiroos Hagos Preezdaantii Akkaadaamii Mallas kan turan

8. Aadde Mihirat Taklaay gorsituu seeraa mana maree naannichaa kan turan

9.Obbo Birihaane Adam Mahaammad hogganaa adeemsa qabeenyaa fi bittaa naannichaa kan turan to’annoo jala ooluu eerrameera.

Hoggantoonni kunneen bosonaa fi holqa keessa wayita socho’aa turan adamsoo taasiifameen to’atamuu Birgaadeer Tasfaayeen ibsaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.