Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni olaanoon dhaabbata deeggarsaa Ameerikaa buqqaatoota naannoo Afaar daawwatan

Finfinnee, Bitootessa 1, 2014 (FBC) – Hoggantoonni olaanoon dhaabbata deeggarsaa mootummaa Ameerikaa haala buqqaatoota naannoo Afaar buufata aanaa Korii Guyyaahii keessatti argaman daawwataniiru.
Bakka bu’uun qindeessaa Ittisa Balaa fi Wabii nyaataa naannoo Afaar obbo Maahee Aliin hoggantoota kanneeniif haala jiru ibsa taasiisaniiru jedhame.
Sababa weerara garee Shororkeessaa ABUTn lammiilee miiliyoonni 1.3 ol aanaalee 21 keessa buqqa’an deeggarsa yeroo ariifachiisaa kan isaan barbaachisu ta’uu ibsa taasiisaniiru.
Lammiileen kuma dhibba 6 ta’an qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’anuun buufata keessa kan jiran ta’uu himaniiru.
Kanneen buqqa’an keessaa lammiileen dhiyeenya Godina Kiilbaltii Rasuu aanaalee 5 keessa buqqa’uun Buufataalee 14 keessa qubatanii argaman kumni dhibbi 2 fi kumni 94 haala rakkisaa keessa jiraachuu ibsa taasiisaniiru.
Mootummaan dhaabbilee deeggartootaa adda addaa waliin ta’uun lammiilee kanneeniif deeggarsa dhiyeessaa jiraattus ga’aa kan hin taane ta’uu kaasaniiru.
Rakkichi daraan bal’aa ta’uu isaan deeggarsi dabalataan kan isaan barbaachisu ta’uu himaniiru.
Maddi :-TOI
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.