Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni olaanoon bulchiinsa mootummaa naannoo Hararii biqiltuu kunuunsan

Finfinnee, Muddee 4, 2013 (FBC) – Hoggantoonni olaanoon bulchiinsa mootummaa naannoo Hararii biqiltuu sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabbate kunuunsaniiru.
Itti aantuu Preezdaantii bulchiinsa mootummaa naannoo Hararii aadde Misiraa Abdallaa dabalatee hoggantoonni olaanoon naannichaa biqiltuu sagantaa asharaa magariisaan dhaabbate kunuunsaniiru.
Aadde Misiraan hawaasni biqiltuu dhaabbate kunuunsuun sagantaa ashaaraa magariisaa milkeessuu qabu jedhan.
Dargaggoonni fi qaamoleen dhimmi ilaallatu biqiltuuwwan iddoo garaagaraa dhaabbate kunuunsuun kaka’umsaa uumaa jiraachuu ibsameera.
Biqiltuuwwan wayita gannaa dhaabbatan akka haalan lataniif kunuunsa barbaachisu taasisuun murteessaa ta’uu hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggootaa naannichaa aadde Amiinaa Abdulkaariim saganticharratti ibsaniiru.
Tajajjila tola ooltummaa bonaan hojiin kunuunsa biqiltuu xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.
Jilli aadde Misiraa Abdallaan durfamu guyyaa har’aa aanaa Soofii ganda Baqiileetti argamuun biqiltuu kunuunsuu isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Koominiikeeshinii mootummaa naannichaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.