Hoggantoonni Olaanoo Mootummaa hojiilee misoomaa magaalaa Samaraa daawwatan
Finfinnee, Bitootessa 9, 2017(FMC) – Hoggantonni Olaanoon Mootummaa Naannoo Afaar Magaalaa Samaraatti hojiilee misoomaa garaagaraa daawwataniiru.
Daawwannicharratti Pireezidaantii Naannoo Afaar Obbo Awwal Arbaa, Pireezidaantii Naannoo Somaalee Obbo Musxaafee Mahaammadi fi Ministira Ministeera Nageenyaa Obbo Mahaammad Idiriis dabalatee qondaaltonni olaanoo naannoolee lameenii biroon argamaniiru.
Daawwannichaan Warshaa Qindeessaa Daabboo fi Sogiddaa Magaalaa Samaraatti ijaarama jiruu fi Misooma koriidarii daawwachuu TOI gabaaseera.
Kaleessa galagala Sagantaan Afxiraa waloo Ummata Obboleeyyan Afaarii fi Somaalee magaalaa Samaraatti gaggeeffamuun ni yaadatama.
#Oromia #Ethiopia