Hoggantoonni Naannoo Oromiyaa fi Beenishaangul Gumuz dhimma nageenyaarratti mari’atan
Finfinnee, Amajjii 11, 2015 (FBC)- Hoggantoonni olaanoo Naannoo Oromiyaa fi Beenishaangul Gumuz dhimmaa nageenyaarratti Magaalaa Asoosaatti mari’ataniiru.
Waltajjii marichaarratti Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Pireezidaantii Naannoo Beenishaangul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasanii fi Hoggana Olaanoo Raayyaa Ittisa Biyyaa Jeneraal Geetaachoo Guddinaa argamaniiru.
Marichi rakkoolee nageenyaa naannawaalee daangaa naannolee lameeniitti mul’atan itti fufiinsaan furuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.
Waltajjicharratti hojiilee nageenyaa naannawaa daangaa naannolee lameeniitti mirkaneessuuf hojjetamaa ture dhiyaachuun irratti mari’atameera.
Nageenya mirkaneessuuf hojiilee nageenyaa fi misoomaa cimsuu haalotaa dandeessisanirratti mari’achuun kallattii fuulduree kaa’uu ragaan Waajjira Pireezidaantii Naannoo Beenishaangul Gumuz irraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.