Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni invastimantii akka sochoostuu guddina diinagdeetti fayyadamuu qabu-Baankii Misooma Afrikaa

Finfinnee, Sadaasa 1, 2016 (FBC) – Hoggantoonni invastimantii babal’isuun akka sochoostuu guddina diinagdee Ardittiitti fayyadamuu akka qaban Baankii Misooma Afrikaa ibse.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Moorookoo Marakaashitti gaggeeffamaa kan jiru Fooramii Invastimantii Afrikaa cinaatti waltajjii kantiibotaa fi dhaabbilee tumsitootaa “Big Win Filantirop” fi Baankiin Addunyaa waloon qopheessan irratti hirmaataniiru.

Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Big Win Fiaantiroop akka jedhanitti Aadde Adaanech dirreewwan taphaa bakka tapha daa’immanii fi shaakala ispootii daraggootaaf oolu kuma 12 ol ijaaruuf kutannoon hojjehuurratti akka argaman eeraniiru.

Pireezidaantiin Baankii Mosoomaa Afrikaa Dooktar Akinwam Adeesiinaa gama isaaniin, fooramiin kantiibotaa guddinaa fi misoomaa Afrikaa babal’isuuf dhaabbilee faayinaansii, ulaa walta’iinsaa haaraa magaalotaa fi naannolee gidduutti banuu ibsaniiru.

Afrikaatti abbootii qabeenyaa fi tumsitoota fooramii invastimantii keessaa invastimantiiwwan deeggaruuf dursa kennuun akka hojjetan dubbataniiru.

Akkasumas hoggantoonni invastimantiiwwan babal’isuun sochoostuu guddina diinagdee ardittii taasisuun itti fayyadamuu akka qaban eeraniiru.

Waltajjicharratti, Kantiibota Magaalota Finfinnee, Leegoos, Daakaar, Abijaan, Kiigaalii fi Naayiroobii dabalatee bakka bu’oonni dhaabbilee faayinaansii fi misoomaa hirmaachuu ragaan Waajjira Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.