Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni fi Hojjettoonni Waajjira Pirezidaantii Oromiyaafi Miseensonni Humna Addaa Oromiyaa Sirna galateeffannaa gaggeessan

Finfinnee, Adoolessa 21, 2014 (FBC) – Hoggantoonni fi Hojjettoonni Waajjira Pirezidaantii Oromiyaafi Miseensonni Humna Addaa Oromiyaa Sirna galateeffannaa “Ityoophiyaan Haa Galateeffattuu” gaggeessaniiru.

Sagantichi injifannoo boonsaa Atileetonni fidan sababeeffachuun akkasumas oolmaa lammiileen biyyattii hundi  tokkummaa Ityoophiyaa tiksuu keessatti bahatan itti yaadachuuf ta’uu Itti gaafatamaan Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Mogos Ida’ee ibsaniiru.

Biyyifi naannoon keenya qormaata hedduu keessa dabartee kan as geesse jabinaa keenyarratti Waaqni akka nu gargaare beeknee galateeffachuu qabna jechuu ragaan waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.