Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni fi Hojjettoonni BKO ijaarsa mana harka qalleeyyii eegalchiisan

Finfinnee, Hagayya 23, 2016 (FBC)- Hoggantoonni fi hojjettoonni Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa magaalaa Shaggar Kutaa magaalaa Galaan Guddaa Aanaa Galaan Guddaatti ijaarsa mana harka qalleeyyii eegalchisaniiru.

Saganticharratti Hoggannaa Biirichaa Obbo Hayiluu Addunyaa fi hojjettoonni argamaniiru.

Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa hojii tajaajila lammummaan rakkoo hawaasummaa furuuf gahee isaa qooddatee hojjechaa jiraachuu Obbo Hayiluun ibsaniiru.

Haaluma kanaan Biirichi hojii tajaajila lammummaan lammiilee harka qalleeyyiif mana ijaaruu fi kanneen biroorratti hirmaacha jiraachuu ibsaniiru.

Biirichi hojii kenna tajaajila lammummaatiin caasaa hanga Aanaatti jiru waliin qindaa’uun Birrii miiliyoona 15 fi kuma 144 oliin manneen harka qalleeyyii 22 ijaaruuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu ragaan Biiricharra argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.