Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni fi Hojjettoonni Biirichaa Aanaa Wanciitti Biqiltuu dhaaban

Finfinnee, Adoolessa 17, 2016 (FBC) – Hoggantoonni fi Hojjettoonni Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa waloon ta’uun Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Wanciitti biqiltuu Ashaaraa Magariisaa dhaabaniiru.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaan Naannoo Oromiyaatti biqiltuuwwan gosa adda addaa biiliyoona 4.9 dhaabuuf karoorfamee haala qilleensaa mijaawaa jiruun hanga ammaatti biqiltuun biiliyoonni 3.4 dhaabamaniiru.
Haaluma kanaan Hoggantoonni fi hojjettoonni Biiroo Daandiiwwanii fi loojistikii Oromiyaa Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Wanciitti duula dhaabbii biqiltuu gaggeessaniiru.
Itti Aanaa Hoogganaan Biirichaa Injiinar Caalaa Abdii haasawaa taasiisaniin, waggoottan darbanitti kallattii Mootummaan kaa’een hooggansi fi hojjetaan karaa qindaa’een biqiltuu dhaabaa turuu yaadachiisuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.