Hoggantoonni dhaabbilee federaalaa dhimmoota waqtaawaa misoomaa fi nageenyaarratti mari’ataa jiru
Finfinnee, Bitootessa 15, 2015 (FBC) – Hoggantoonni olaanoon dhaabbilee federaalaa dhimmoota waqtaawaa, Misoomaa fi nageenyaa biyyaarratti mari’achuu eegalaniiru.
‘Dandeettii dhaabbatummaa ijaaruun milkaa’ina keenya ni cimsin’ mata duree jedhuun mari’achaa jiraachuu eerameera.
Marichaan milkaa’ina akka biyyatti argame itti fufsiisuu fi rakkoolee jiran haala furuun danda’amurratti kallattiin ni kaa’amaan eegama.
Hoggansi injifannoo argame itichuu fi qormaatilee ce’uuf ergama seenaa qabeessa hojjechuun badhaahina hunda galeessa Ityoophiyaaf ashaaraa kaa’uurra darbee tokkummaa keessoo cimsuun qormaatilee injifannoon ce’uuf ga’umsa isaa cimsachuu akka qabu eerameera.
Waltajjichi guyyoota sadan itti aanaaniif kan itti fufu yoo ta’uu, sanadoonni hedduun dhiyaachuun irratti kan mari’atamu ta’uu ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.