Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni Dhaabbbilee garaagaraa Raayyaa Ittisaaf dhiiga arjooman

Finfinnee, Fulbaana 4, 2015 (FBC) – Hoggantoonni Ministeera Fayyaa fi  Immigireeshinii fi Tajaajila Lammummaa Raayyaa Ittisaaf dhiiga arjoomaniiru.

Hoggantoonni kunneen ‘dhiiga keenya Raayyaa Keenyaaf’ mata duree jedhuun sagantaa dhiiga arjoomuu kana gaggeessaniiru.

Raayyaa Ittisaa birmadummaa biyyaa kabachiisuuf falmataa jiruuf damee hundaan aantummaa cimsuun murteessaa ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan ibsaniiru.

Hoggantoonnii fi Hojjettoonni Immigireeshinii fi Tajaalila Lamummaas damee hundaan deeggarsa taasiisan cimsanii kan itti fufan ta’uu ibsuu isaanii ragaan fuula dhaabbilee kanneenirraa argame ni mul’isa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.