Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni biyyoota garaagaraa Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 37ffaarratti hirmaachuuf Finfinnee seenuu eegalan

Finfinnee, Guraandhala 7, 2016 (FBC) – Hoggantoonni biyyoota garaagaraa Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 37ffaarratti hirmaachuuf Finfinnee seenuu eegalaniiru.

Pireezidaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir Maayaardiit Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 37ffaarratti hirmaachuuf har’a Finfinnee galaniiru.

Pireezidaanti Saalvaa Kiir waayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’an Ministira Ministeera Nageenyaa Obbo Binnaalfi Andu’aalemii fi Ministirri Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon simatamaniiru.

Yaa’iin Idilee Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 37ffaan Guraandhala 9 -10, 2016 magaalaa Finfinneetti gaggeeffama.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.