Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni biyyoota garaagaraa Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 37ffaarratti hirmaachuuf Finfinnee galaa jiru

Finfinnee, Guraandhala 8, 2016 (FBC) – Hoggantoonni biyyoota garaagaraa Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 37ffaarratti hirmaachuuf Finfinnee galaa jiru.

Pireezidaantiin Naayijeeriyaa Boolaa Ahimaad Tiinuubuun, Ministirri Muummee Isiwaatiinii Ruuseel Diilaamiiniin, Ministirri Muummee Chaad Suuksee Maasiraa, Itti Aanaan Pireezidaantii Seraaliyoon Mahaammad Zyiilee Zyaaloohiin, Ministirri Muummee Toogoo Viiktoor Toomeegaahii Doogbeen Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 37ffaarratti hirmaachuuf halkan Edaa Finfinnee galaniiru.

Akkasumas Pireezidaantiin Ruwaandaa Pool Kaagaamee fi kan Keeppi Vardii Joosee Maariiyaa Peereeraa Neevees Finfinnee galaniiru.

Hoggantoonni Mootummaa Federaalaa garaagaraa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti argamuun keessummoota kanneen simataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.