Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni biyyoota Afrikaa yaa’ii Gamtaa Afrikaa 33ffaaf Finfinnee galuu eegalan

Finfinnee, Amajjii 29, 2012 (FBC0 – Hoggantoonni biyyoota Afrikaa yaa’ii idilee hoggantoota gamtaa Afrikaarratti hirmaachuuf Finfinnee galuu eegalan.

Guyyaa kana waaree booda preezdaantiin Jibuutii Isaamaa’eel Oomaar Giileehi fi preezedaantiin Zimbaabuwee Emeersoon Mnaangagwaa Finfinnee ga’aniiru.

Preezdaantichi waayita buufata xiyyaaraa idil addunyaa boolee ga’an Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad simannaa taasisaniifiru.

Akkasumas Preezdaantiin Ziimbaabween Eemarsan Minaangaagwaan Finfinnee galaniiru.

Yaa’ii idileen hoggantoota Gamtaa Afrikaa 33ffaan Dilbataa fi Wiixata Finfinnee galma gamtichaatti ni gaggeeffama.

Yaa’iin mana maree hojii raawwachiftoota 36ffaan gamtichaa kaleessaa fi har’aa gaggeeffameera.

Yaa’ichi mata duree ‘ walitti bu’iinsa fi waraana dhaabuun misooma Afrikaaf haala mijataa uumu’ jedhuun adeemsifamaa jira.

Yaa’ii kanarratti hirmaachuuf hoggantoon miseensota gamtichaa dabalatee, barreessaa olaanaan dhaabbata fayyaa addunyaa fi daayreektarri olaanaan dhaabbatichaa, akkasumas hoggantoonni dhaabbilee idil addunyaa hedduun gara Finfinnee ni galu jedhamee eeggama.

Misikkir Sinaafqitu gabasee.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.