Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni biyyoota Afrikaa 7 ergama nageenyaaf gara Raashiyaa fi Yuukreen imalan

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2015 (FBC) – Hoggantoonni biyyoota Afrikaa 7 ergama nageenyaaf gara Raashiyaa fi Yuukreen imaluu ibsame.

Hoggantoonni kunneen gara Raashiyaa osoo hin imalin dura Pireezidaantii Yuukreen Zeelaniskii waliin ni mari’atu jedhame.

Jilli hoggantootaa Afrikaa Kibbaa fi Ijipti of keessatti hammate kun Yuukreenii fi Raashiyaan dhukaasa dhaabuun nagaa waaraa akka uumaan mariisisuuf waliigalteerra ga’amuu ibsameera.

Yaadni kunis Kiiyev duula deebisanii haleeluu eegaluu isheen waraanni jabaachaa dhufuu hordofee ta’uu eerameera.

Ergama nageenyaa kanaan walitti bu’iinsi jiru mariin akka furamuu fi biyyoonni lameen hidhamtoota akka wal jijjiiraan waliigalchiisuuf ta’uu himameera.

Dabalataan rakkoolee dhiyeessa midhaan nyaataa fi Xaa’oo Afrikaa mudate furuufis marii kan taasiisan ta’uu dubbatameera.
Sababa wal waraansa Yuukreenii fi Raashiyaan Addunyaa hanqinni dhiyeessa midhaan Nyaataa fi Xaa’oo cimaan mudachuun hawaasni addunyaa rakkoo wabii nyaataaf hamaaf saaxilamuu eerameera.

Keessattuu biyyoonni Afrikaa rakkoo kanaaf addatti saaxilamuu BBCn gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.