Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni Biiroo Miseensa Gamtaa Afrikaa dhimma Hidha Haaromsaa irratti har’a ni mari’atu

Finfinnee, Adoolessa 14, 2012 (FBC) – Hoggantoonni Biiroo Miseensa Gamtaa Afrikaa dhimma Hidha Haaromsaa Guddichaa Ityoophiyaa irratti guyyaa har’a ni mari’atu.

 

Hoggantoonni Biiroo Miseensa Gamtaa Afrikaa Waxabajjii 19, 2012 dabarsine Ityoophiyaa, Sudaan fi Gibts hidha haaromsaarratti mari’achuun isaanii ni yaadatama.

 

Marii guyyaa har’aa kunis marii Waxabajjii 19, 2012 dabarsine adeemsifameen walqabatee kan gaggeeffamudha.

 

Dura Taa’aan Gamtaa Afrikaa fi Preezdaantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaafoosaa walga’ii viidiyoo konfiraansiin adeemsifamu ni gaggeessu jedhameti eegama.

 

Walga’icharratti miseensoota biirichaa kan ta’an hoggantoonni Keeniyaa, Riippabliika Demookraatawaa Koongoo fi Maalii fi bakka buutonni isaani ni hirmaatu.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.