Hoggantoonni Afrikaa yaa’ichaan haala tasgabbii fi nageenya Afrikaa mirkaneessuun danda’amurratti mari’atan – Ambaasaaddar Diinaa Muftii
Finfinnee, Amajjii 29, 2014 (FBC) – Hoggantoonni Afrikaa Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 35ffaarratti hirmaachaa jiran haala tasgabbii fi nageenya Afrikaa mirkaneessuun danda’amurratti mari’achuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiise.
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin yaa’icha ilaalchisee ibsa laataniiruu.
Yaa’iin Gamtaa Afriikaa 35ffaan kaleessa Waaree booda Nagaa fi Tasgabbii dabalatee miidhaa Covid-19 irrati mari’achuu Ambaasaaddar Diinaan himaniiru.
Gabaasni Baankii Misooma Afrikaas dhiyaatee bal’inaan irratti mari’atamuu dubbi himaan Ambaasaddar Diinaa Muftiin himaniiru.
Dhimmii Nageenyaa fi tasgabbii Afrikaa ardichaaf yaaddoo tahees dhimma xiyyeeffannoo marii Gamtichaa ta’uu kan himan Ambaasaaddar Diinaan, Preezdaantii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataan gabaasni dhiyaatee bal’inaan akka irratti mari’atame jiru himan.
Sochiin alseerummaa Fonqolcha Mootummaa Biyyoota miseensichaa keessatti dabalaa dhufuu kan himani Uhuruu Keeniyaataan, sochii nageenya arditti eegsisuuf hojjetamaa jiruu kan gufachiisuu ta’uu himuu isaani ambaasaadarichi ibsa isaaniitiin ibsaniiru.
Kana malees deemsi alserummaan mul’achaa jiruu ijaarsa sirna dimookiraasii Ardichaa duubatti kan deebisuu fi hojiirra oolmaa Ajandaa 2063 kan gufachiisu ta’uu isaatiin fudhatama akka hin qabaanne ibsuu isaani himaniiru.
Dandeettin oomisha talaalli Covid-19 Ardii Afrikaa akka horatamuu fi loogiin biyyoota alaa akka qolatamuu dandahamuus walii galameera.
Walitti hidhamiinsa biyyoota Ardii Afrikaa cimsuuf Bu’uuraalee misoomaa irratti hojiin gaafa Afrikaatti jalqabamee kan dinqisiifamuu fi bakkeewwaan kaanittis itti fufuu akka qabu marichaan ka’eera jedhan.
Kun ammoo tokkuummaa Afrikaanootaa fi biyyoota gamtichaa walitti hidhuun Afrikaa tokkoomtee uumuun diinagdee ardichaa kan cimsu ta’uu isaatiin xiyyeeffannoo guddaan hojjetamuu akka tahe ibsamuu Ambaasaaddar ibsa isaaniin eeraniiru.
Yaa’iin dureewwanii Gamataa Afriikaa 35ffaan guyyaa lammaffaa isaatiinis dhimmoota Ardichaa kaasuun mari’atamaa jira.
Yidnaqaachoo H/Maariyaamtu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.