Fana: At a Speed of Life!

Hoggansi uummata hunda walqixa tajaajiluun itti gaafatamummaa isaa ba’achuu qaba- Obbo Oodriin Badrii

Finfinnee, Bitootessa 23, 2014 (FBC) – Hoggansi uummata hunda walqixa tajaajiluun itti gaafatamummaa isaa ba’achuu qaba jedhan preezdaantiin naannoo Hararii Obbo Oodriin Badriin.

Preezdaant Oordiin Yaa’ii idilee 2ffaa marsaa 6ffaa waggaa 1ffaa mana maree naannichaa gaggeeffamaa jirurratti argamuun gaaffilee miseensota mana marichaarraa ka’aniif deebii laataniiru.

Hoggantoota itti gaafatamummaa isaanii haalaan hin ba’annee fi uummata dhamaasan irratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu kaasaniiru.

Hojiileen misoomaa naannicha keessatti hojjetamaa jiran hawaasa baadiyyaa fayyadamoo kan taasisan ta’uu fi hojiileen hawaasa hunda qixa fayyadamaa taasisan cimanii kan itti fufan ta’uu dubbataniiru.

Naannichatti rakkoo mana jireenyaa furuuf qaamolee waldaan gurmaa’aniif hojiin lafa kennuu hojjetamaa jiraachuu eeruun fuulduratti hojiin kun cimee kan itti fufu ta’uu himaniiru.

Harkifannaa proojektootaan walqabatee dabaliinsi gatii meeshaalee ijaarsaa dhiibbaa qaqqabsiisuu fi rakkoolee hannaa gama damee konistiraakshiniin jiru ittisuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Qulqullina barnootaa fi tajaajila fayyaa guddisuuf rakkoolee jiran sakatta’uun bifa sosochiin kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

Ittaantuun Preezdaantii fi hoggantuun Biiroo Qonnaa naannichaa aadde Misraa Abdallaa gamasaaniin hojiilee teeknooloojiin deeggaraman hojjechuunii fi oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bulaa guddisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Bu’uuraalee misoomaa baadiyyaa ilaalchisee rakkoo elektirikaa hawaasa baadiyyaa furuuf baajatni barbaachisaan ramadamee hawaasa fayyadamaa taasisuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf walitti hidhamiinsa dallaalotaa ciruun qonnaan bulaan oomisha isaa kallattiin fayyadamtootaan akka ga’uuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Qaamolee saamicha lafaa fi ijaarsa seeraan alaa irratti bobba’an irratti tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’uu ibsuu isaanii ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.