Fana: At a Speed of Life!

Hoggansi tokkummaa cimsuun Itiyoophiyaa cichoomsuu qabu – Obbo Araggaa Kabbadaa

Finfinnee, Sadaasa 25, 2016 (FBC) – Hoggansi tokkummaa cimsuun Itiyoophiyaa cichoomsuu qabu jedhan Pireezidaantiin naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaan.

Obbo Araggaa Kabbadaan guduunfaa leenjii hoggansaa marsaa 4ffaa giddugala Goondaritti argamuun ergaa dabarsaniiru.

Qormaata yeroo ammaa ce’eef murannoon hoggantootaa gochaan mul’achuu qaba jedhan.

Beekkumsaa fi ogummaa leenjicharraa argatanitti fayyadamuun gaaffii ummanni kaasuu deebisuuf hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Leenjiin marsaa 4ffaa kun milkiin akka xumuramu qaamolee qooda qaban galateeffataniiru.

Minaale Ayyanawutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.