Hoggansi tajaajila ummanni argachuu qabu kara iftoominaa fi hubannoo guutuun akka kennuuf hojjetama jira
Finfinnee, Gurraandhala 17, 2012 (FBC) – Hoggansi tajaajila ummanni argachuu qabu kara iftoominaa fi hubannoo guutuun akka kennuuf xiyyeefannan hojjatamaa jira jedhe waajirri paartii Badhaadhinaa Oromiyaa.
Itti gaafatamaan waajjiraa paartii Badhaadhinaa Oromiyaa obboo Fiqaadu Tasammaa midiyaaleef ibsa kennaniin, hoggansi hubannoo gahaa argatee jijjirama sadarkaa naannootis tahee biyyatti mul’achuu eegalee milkeessuu fi itti fufisiisuuf akka of qophesuuf hoggansa sadarkaa giddugaleessaa Paartii Badhaadhina Oromiyaa kuma 10 tahaniif Leenjiin magaloota Baatuu, Adaama, Sandaafaa fi Jimmatti kennamaaf jira jedhan.
Leenijichaan tarsimoowwaani fi faalasaama siyaasaa paartii Badhaadhinaa keessatti akeekaman gama siyaasaan, diinagdee fi hawaasummaatin qixaan ummatni irra akka fayyadamuuf hojirra oolchuuf, leenjiichi hubannoo walfakkaata uumuuf gahee olaana qaba jedhan obboo Fiqaaduun.
Gama birootin walitti makamuu paartilee ADWUI sadanii fi deegartoota turan shananiin, ergaa paartii Badhaadhinaa hundaa’ee as leenjiin akkas isa dura tahuusaattin bal’inaan irratti mar’achuun hubannoo walfakkaata uumuufis jedhan.
Leenjiin hoggansaa giddugaleessaa hoggansa aanaalee, godinaalee fi magalootaa hirmaachise kun guyyoota 15 kan turu yoo tahuu, itti aansuun sadarkaa gandaattis hoggansa jiruun leenjichi ni kennamaa jedhan itti gaafatamaa waajjira Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa obboo Fiqaaduu Tasammaan.
Tibbana kanas godinaalee Oromiyaa garagaraa keessatti deegarsaa mallaqaa fi hiriraan tumsaa hawaasni paartii Badhaadhinaaf taasisaa ture paartiin Badhaadhinaa Oromiyaa ni galateefatas jedhan obboo Fiqaaduun.
Raggaasaa Firoomsaatu gabaase.