Fana: At a Speed of Life!

Hoggansi sadarkaan jiru nageenya naannichaa waaressuuf murannoon hojjechuu qabu – Obbo Araggaa Kabbadaa

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2016 (FBC) – Rakkoo bulchiinsa gaarii fi nageenyaa naannoo Amaaraa furuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Pireezidaantiin naannichaa Obbo Araggaa Kabbadaan ibsan.

Waltajjiin dhimmoota haala waqtaawaa, nageenyaa fi bulchiinsa gaariirratti mari’atu magaalaa Bahirdaaritti gaggeeffamaa jira.

Rakkoo nageenyaa fi bulchiinsa gaarii jiru furuuf gurmaa’insa hawaasa hunda hirmaachise uumamuu Obbo Araggan himaniiru.

Naannichatti cabiinsa barnootaa mudate dandamachiisuu, misooma Ashaaraa magaariisaa fi hojii qonna gannaa milkeessuuf qindoominaan kan hojjetamu ta’uu ibsameera.

Dhibee Busaa, Koleeraa fi kanneen biroo ittisuu akkasumasa galii sirnaan walitti wabuun misoomaaf oolchuuf kan hojjetamu ta’uu eerameera.

Hoggansi sadarkaan jiru kaayyoo fi mul’ata waloon nageenya naannichaa waaressuuf murannoon hojjechuu akka qaban Pireezidaantiin naannichaa Obbo Araggaa Kabbadaan hubachiisaniiru.

Waltajjii marii har’aa jalqabee guyyoota lamaan itti aananiif gaggeeffamu kanarratti hoggantoonni sadarkaa naannoo, Godinaalee fi bulchiinsa magaalaa hirmaachaa jiraachuu himameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.