Fana: At a Speed of Life!

Hoggansi mootummaa naannoo Hararii haala yeroo biyyaalessaarratti marii gaggeessuu eegale

Finfinnee, Muddee 6, 2014 (FBC) – Hoggansi mootummaa naannoo Hararii haala yeroo biyyaalessaarratti marii gaggeessuu eegaleera.

Preezdaantiin naannichaa obbo Oordiin Badriin balaa birmadummaa biyyaarraatti aggaamamee fi haqa mirkaneessuun dirqama hundaa ta’uu marichaan ibsaniiru.

Duula birmadummaa biyyaa kabachiisuu deeggaruun cinaatti nageenya waaraa fi badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuun ajandaa ijoo hooggansaa ta’uu akka qabu kaasaniiru.

Ityoophiyaanonni duudhaalee nageenyaa tokkummaa isaanii ittiin tursiisan qabaachuu, duudhaalee kanneen guddisuu fi nageenya waaraa fiduuf itti fayyadamuun akka barbaachisu himaniiru.

Hogganaan waajjira Paartii Badhaadhinaa naannichaa obbo Abduljabbaar Mahaammad gamasaaniin, birmadummaa biyyaa kabachiisuuf diina Ityoophiyaarratti tokkummaan duuluun hojiileen hojjetamaa jiran jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru.

Nageenya waaraa fi badhaadhina hunda galeessa fiduuf  hundi qindoominaan hojjechuu akka qabu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.