Fana: At a Speed of Life!

Hoggansi hawaasa hintajaajilu taanaan teessoo qofa irra taa’uun hindanda’amu – Caffee Oromiyaa

Finfinnee, Caamsaa 19, 2014 (FBC) – Hooggansi sadarkaa hundatti qixa barbaadameen hawaasa isa filateef tajaajila barbaachisu kennuu hin danda’u taanaan teessoo qofa irra taa’uun akka hindanda’amne Caffeen Oromiyaa hubachiise.
Koreen Dhaabbii Dhimmoota Hawaasummaa Caffee Oromiyaa Hawaasa Aanaa Haramaayaa fi Bulchiinsa Magaalaa Haramaayaa waliin mari’ateera.
Walitti Qabaan Koreechaa Dooktar Dalasaa Bulchaa, misoomni akka biyyaatti qabame galma gahuu kan danda’u hirmaannaan hawaasaan yoo dabaalameedha jedhan.
Hooggansis sadarkaa hundatti qixa barbaadameen hawaasa isa filateef tajaajila barbaachisu kennuu hin danda’u taanaan teessoo qofa irra taa’uun akka hin danda’amne Caffeen Oromiyaa cimee hojjataa jiras jedhan.
Hirmaattonni marichaas carraa hojii uumuun walqabatee akkasuma Oomisha Jimaa dabalatee Kuduraa fi muduraaf gabaa dhabuu, rakkoon daandii, galteewwan barnootaa fi bishaan dhugaatii rakkoo furmaata waaraa barbaadan ta’uu kaasaniiruu.
Gabaa jimaa bilisaa diriirsuuf akka caffeetti xiyyeeffannoon kennamee hojjatamaa jiraachuu kan kaasaan Dooktar Dalasaan gaaffiiwwan bu’uraalee misoomaa dhawaataan deebisuuf hojiilee Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojjataa jiru cinaatti hirmaanaa hawaasaa barbaachisaa ta’uus ibsaniiru.
Nageessoo Kadiirtu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.